• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni goolessaa Bilxiginnaa Godina Booranaa Aanaa Areeroo keessatti dubartii deessee ciistu irratti gudeeddii raawwatan

Jan 23, 2025

ONM-ABO Amajjii 20, 2025 

Ilmaan Oromoo mirga lubbuun jiraachuu biyya isaa irratti qabu sarbamuun impaayerattii keessa rakkoolee gara jabinaa  garaa garaa eegdota impaayerattiin keessummeessaa jiraachuun kan beekamuudha. Barcuma siyaasaa paartii tokkoo tiksuuf uummata bal’aa dararaa kan oolan jaleewwan murna PP gochoota safuu uummataa cabsan ilmaan Oromoo irratti dalagaa jiru.

Aanaa Areeroo ganda Gallabaa keessatti waraanni maafiyaan PP Amajjii 18, 2025 dubartii deessee bultii sagalii balbala cabsee ol itti seenuun lafa isheen ciistutti cuuphee itti baafatee doorsisuun gudeeddii irratti erga raawwateen booda isheenis iyyuun namoonni ollaa birmachuufiin itti marsanii qabuun, sababa kanaafis miidhaan irra ga’uu irraa kan ka’e gara Hospitaala Areerrootti geffamtee yaalamaa jiraachuu maddeen hadheeffatanii ONM’tti himan.

Kabaja namummaa tokkollee ilmaan Oromoof kan hin qabne gareen Faashistiin PP saba guddaa abbaa aadaa fi duudhaa, safuu isaa cabsuun humna qabanitti fayyadamuun hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi gudeeddii irratti geggeessuun jiruuf jireenya hawaasa nagaa booressaa oolu.

Leave a Reply