• Tue. Nov 24th, 2026

Dinaagdeen Impaayeera Itiyoophiyaa Bulchiinsa Abbaa Irree Koloneel  Abiy Ahimediin hoogganamtu turtii ji’a sadii qofa keessatti GDP ishee Doolara Billiyoona 207 irra gara 100’tti dachaa oliin gadi bu’uu ministeerri mallaqaa ifa godhe

Jan 24, 2025

ONM-ABO Amajjii 21, 2025 

Akka gabaasa Miniisteerri Mallaqaa Impaayerattii baase jedhutti GDP’n impaayerattii garaa garummaa turtii ji’a sadii  hin caalle keessatti dinagdeen ishee Doolara biiliyoona 207 irraa gara Doolara billiiyoona 100’tti jechuunis dachaa oliin gadi bu’uun yeroo jalqabaaf kufaatii hamaa keessatti seenuu ishee gabaasa isaanii kana irraa baruun  ni dandaa’ama.

Itti dabaluun akka gabaasa  Baankii Addunyaatti Impaayerri Itiyoophiyaa murna PP’n bulaa jirtu kaffaltii liqaa adda addaa duraan ishee irra turetti dabaluun gara Doolara billiyoona 19 kan ture, hamma gara Doolara billiiyoona 33’tti ol guddachuun egeree biyyattii gama dinagdeen kufaatii dandamachuu hin dandeenye keessatti kufuu isheef ragaa baha.

Kun osoo kanaan jiruu Koloneel Abiy Ahimed garuu kan afaan isaa keessaa dubbii sobaa fi waan ragaa hin qabne malee dubbachuu hin beekne faallaa gabaasota kanaa yeroo dhiyoo dura nuti GDP’n keenya dachaan dabaleera guddina aarifachisaa addunyaaf fakkeenya ta’u guddanne jechuun lammiilee  qaala’insi jireenyaa rakkisaa jirutti baacuun isaa yaadannoo yeroo dhiyooti. 

Akka Baha Afriikaatti kan nu gitu hin jiru. Akkasumas kaffaltii liqaa nurra jiru hundumaa kaffallee ofirra xumurreera jechuun soba adii fi dubbii madaala hin kaasne dubbataa tureera.

Kana malees imaammataa fi tarsiimoo ani baase impaayerattii ittiin guddisaa jiru uummatni Impaayerattii na hubachuu hin dandeenye, akka nama Xiyyaara keessa jiruutti fakkeessuun guddinni keessan isinitti hin mul’atu nama birootti malee jechuun dubbii baacoo fakkaatu dubbatee ture. 

Murni Bilxiginnaa kun akka paartii ykn dhaaba siyaasa tokkotti osoo ulaagaa hin guutin boordii Filannoo impaayerattii waliin walii galuun barcuma aangoo Impaayerattii harkatti galfate, kan imaammataa fi tarsiimoo biyya ittiin bulchan hin qabnee fi namoota baratan kan faayidaa dhuunfaa fi sadoo har’a qofa argachuuf labata boriif hin dhiigne muraaasa of-keessatti haammachuun impaayera durumaanuu hundeen ykn bu’uura irra fedhii saboota impaayerattii keessaa malee afaan qawween ijaaramte kan durii caalaatti bulchiinsa abbaa irree jalatti kuffisuun impaayerattii gama hundaan jechuunis; Dinagdee, Siyaasa, Hawwaasummaa fi Dippiloomaasiin kufaatii kanaan dura seenaa keessatti erga ijaaramtee mudateenii hin beekne keessa seensisuu gabaasoonni yeroo adda addaatti bahan ibsaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply