ONM-ABO Amajjii 21, 2025
Ergamtoonni sirna nama nyaataan PP faayidaa dhuunfaa waanuma xiqqoo argataniif jecha ilmaan Oromoo irratti yakkoota suukkanneessoo fi qaanessoo ta’an garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.
Aanaa Mi’eessoo bakkeewwan adda addaatti milishoonni sirnichaa Uummata nagaa akka malee dararuu hammeessuun, magaalaa Asaboot jedhamu keessaa Amajjii 17, 2025 badii tokko malee nama maqaan isaa Roobaa jedhamu reebicha hamaa irraan ga’uun mana hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun nama nagaa siyaasa kam keessa hin jirre ta’uu ibsuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun hidhanii dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
