ONM-ABO Amajjii 21, 2025
Gareen faashistii PP aangoo siyaasaa warraaqsa qeerroo fi qarree butuun argate tikfachuuf namoota hedduu leenjii waraanummaaf afaan qawween qabee geessuun leenjisee bobbaasus loltootni hedduun gocha Bilxiginnaa baruun keessaa badanii gara qabsoo saba isaanii fi jireenya dhufaan isaaniitti deebi’aa jiru.
Haaluma kanaan ilmaan Oromoo humnaan qe’ee isaanii irraa qabamanii barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman adeemsa Bilxiginnaan uummata Oromoo ittiin haxa’aa jiru mormuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Dheengadda Amajjii 19, 2025 godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu mooraa waraana maafiyaa PP keessaa loltootni 4 qawwee AKM 3 fi isnaayippera 1 qabachuun mooraa waraana Bilxiginnaa gananii WBO’tti makamanii jiru.
Loltootni kunneen hidhannoo isaanii keessatti rasaasa, boombii fi gumbii qabatanii akka dhufan barameera.
Simannaa hoo’aa taasifameefittis gammaduun, ilmaan Oromoo qawwee diinaa baatanii achi keessa jiraniin yeroon gara qabsoo saba keessaniitti makamaa jechuun dhaamsa dabarsaniiruufi.

