• Fri. Mar 13th, 2026

ABO-WBO’n Lola gaggeeffamaa jiruun loltootni murna faashistii PP harka kennataa akka jiran hime

Jan 25, 2025

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Lola waggaa 6 ol Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiruun miseensonni waraana faashistii Itiyoophiyaa kumootaan lakka’aman ajjeefamuu WBO’n gama miidiyaa hawwaasaa Tiwitera isaan ibsaa ture. 

Lolli WBO fi Loltoota  garboomfataa Itiyoophiyaa gidduutti adeemu kun ammallee itti fufee jiraachuu isaa Tiwitera (X-Space) gubbaa maxxansa katabeen ABO-WBO’n hubachiiseera. Lola adeemaa jiru kanaanis injifannoo argataa jiraachuu eere. 

Waraanni murna Bilxiginnaa hedduun harka kennataa jirus jedhee jira. Loltootni harka kennataa jiran kunneen loltoota Raayyaa Ittisa Impaayerattii, poolisii Oromiyaa fi Milishaa ta’uus caqase. 

Haalli kun Oromiyaa kutaalee hedduu keessatti adeemaa akka jirus ABO-WBO’n ragaa jiru waliin ibseera.

Bakkeewwan waraanni gabroomfataan PP WBO’tti  harka kennataa jiraachuun eeraman keessaa Gujiin,  Kaabni Shaggar, Wallaggi Bahaa fi Lixi Shaggar maqaa eeramaniiru. Lola WBO’n adeemsisaa jiru of irraa qolachuun itti ulfaachuun, dhiibbaan Waraana Bilisummaa Oromoon adeemsifamaa jiru cimaa ta’uu irraan kan ka’e harka kennachuuf akka dirqamanis maxxansa kanaan himameera.

Gama biraatiin Ajajni WBO Giddu-galeessaa dheengadda Sulultaa ganda Bachoo Habilaa keessatti duula waraanaa gaggeessee ture jechuunis maxxansa kanaan ABO-WBO’n eereera. Magaalaa guddoo impaayerattii cinatti tarkaanfiin WBO’n fudhate kun sirnicha naasisuus himeera. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading