• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko gooticha WBO’tti harka kennate

Jan 25, 2025

ONM-ABO Amajjii 22, 2025 

Waraanni faashistiin PP fedhii isaanii malee dirqamaan aangoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf Oromiyaa bakkoota adda addaatti bobbaafaman yeroo gara yerootti sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufuun, aanaa Begii irraa miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko gooticha WBO’tti harka kennatee jiraachuun ibsame.

Amajjii 19, 2025 mooraa waraana Bilxiginnaa aanaa Begii keessaa miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii tokko qawwee AKM Turkii tokkoo fi hidhannoo guutuun WBO bakkicha keessa socho’u bira nagaan qaqqabuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.

Waraanni Bilisummaa Oromoos simannaa ho’aa taasiseefii kan jiru yoo ta’u, innis simannaa isaaf taasifametti gammaduun “ilmaan Oromoo qawwee ilmaan alagootaa baattan qawwee keessan sabatti dhukaasuu irra gara WBO kottaa qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa sabaaf dhukaasaa” jechuun ergaa isaa dabarfatee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading