ONM-ABO Amajjii 23, 2025
Xiyyaarri waraanaa Iraan Roobii ganama dhiha biyyattiitti kufuu ejensiin oduu biyyattii IRNA kan gabaase yoo ta’u, balaliistonni balaa kana irraa lubbuun hafaniiru. Yeroo gabaasni kun qindaa’etti rakkoon elekooptara kana kufaatiif saaxile hin baramin jira. Kufaatii elekooptaraa Iraanitti bara darbe raawwateen pirezidaantii biyyatti fi qondaaltotni ajjeefamuun ni yaadatama.
Oduu biraatiin ammoo Iraan keessatti namni tokko Roonii kaleessaa kutaa giddu galeessaa biyyattii keessatti poolisii tokko irra ajjeechaa raawwateen ajjeefamuu isaa dhaabbati oduu qaama haqaa gabaaseera.
“Ajjeesaan kun itti yaadee ajajaa poolisii magaalaa Zarandiye konkolaataa isaatiin osoo inni daandii guddaa cinaa namoota seeraan alaa daddabarsa hojjetan dhaabu irra fiige,” jedha Mizan Online.
Taatee kun Caamsaa 30, 2023, giddugala Iraan bulchiinsa Markazi keessatti akka ta’e dhaabbatichi beeksiseera jechuun AFP’n gabaaseera.




