ONM-ABO Amajjii 25, 2025
Mootummaan abbaa irree Bilxiginnaan uummata afaan qawween ukkaamsee bulchaa jiru kallattii hundaan mirga sabichaa sarbee akkaataa jiruuf jireenyaa isaan wallaalchisee hiraarsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Bifuma kanaanis bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti namoota irraa kaadiroonni fi lukkeeleen sirnichaa humnoota waraanaatti dhimma bahuun manneen jiraattotaa beenyaa tokko malee diiguu fi saamicha daangaa darbes raawwachaa akka jiran ibsameera.
Jiraattonni bulchiinsa magaalichaa kanneen dukkaana qaban, konkolaataa, baajaajii, doqdoqqee fi hojiilee daldalaa irratti bobba’an akkasumas qonnaan bultootaa qabee kanneen harka qalleeyyii irraa saamichi maqaa gibiraa, buusaa gonofaa, deggersa waraanaa fi kanneen biroon maqaa dha’amuun dachaa dachaan jiraattonni kaffalaa akka jiran addeeffameera.
Murni Bilxiginnaa hojiilee hamminaa saba Oromoo irratti guyyuu raawwatu goonkumaa kan garaa hin geenye maqaa ijaarsa seeraan alaa fi miidhagina magaalaanis manneen jiraattotaa bulchiinsa magaalichaa keessaa diigee hawaasa jireenya godaansaaf saaxilaa jiraachuun ibsameera.
Gochoota badii sirnichaan hawaasni abdii kutachuun maatiin bultii wal irraa diiguu fi ijoolleen dubaraa biyya alaa deemtee manneen ijaarrachaa turte yeroo achi teessee diigamuu mana ishee argitu jireenya irraa abdii kutattee of ajjeesuu fi akkasumas maraattee gara maatiitti deebi’aa jiraachuu jiraattonni magaalichaa itti dabaluun ibsanii jiru.





