ONM-ABO Amajjii 24, 2025
Murni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee isa mudate dandamachuuf kutaalee Oromiyaa hunda keessatti hawaasa Oromoo irraa qarshii guuree taankii fi jeettii sadarkaa mootummaatti bitaa ture amma ammoo godina Arsii Lixaa aanaa Qoree fi Shaalaa ganda hundaa irratti maallaqa 500,000 murteessuun qawwee isiniif binnaan hawaasicha rakkisaa jiru.
Akka jiraattotni jedhanitti, qawween kun kan eenyuuti, eenyutu hidhata, maaliif immoo qawwee bitannaa fi duraan qawween ganda irra hin jiruu? jedhanii namoota gaaffii gaafatan reebuu fi isin ilaalcha biroo qabdu jechuun doorsisaa turuu fi mana mana irraa deemanii maallaqa guuraa jiraachuus dabalataan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

