• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Gindabaratitti loltoonni PP dubartoota hidhaatti darbatan

Jan 26, 2025

ONM-ABO Amajjii 24, 2025 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo hiraarsuun garaa kan qabbaneeffatu Bilxiginnaan impaayerattii utubuuf jecha maatii qabsa’otaa jumlaan hidhaatti guuruun dararuu jabeessee jira.

Aanaa Gindabarat ganda Xaphisaa Madaallee jedhamu keessatti loltoonni sirnichaa dubartoota maqaan isaanii Aadde Alamii Baabee fi Aadde Caaltuu Fayisaa jedhaman maqaa “abbaan warraa keessan dabballeedha; hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiru.

Loltoonni Bilxiginnaa kunneenis “abbaan manaa keessan hin dhufu taanaan, asii ba’uun keessan hin jiru, mala keessan maladhaa! Dafaa isaan waamaa galchaa maatii keessanitti deebi’aa” jechuun doorsisa ulfaataa irraan gahaa jiraachuunis barameera.

Leave a Reply