ONM-ABO Amajjii 23, 2025
Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne raawwachaa kan jiran, afaaniin akka waan hawaasa fayyadaniitti hololaan miiressuun erga gara hooggansaatti dhufanii as immoo waan ilmaan namootaa irratti ta’ee hin beekne raawwachaa jiru.
Aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa irraa lukkeeleen Bilxiginnaa Amajjii 22, 2025 dargaggoo maqaan isaa Pheexiroos Fiqiruu jedhamu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii mana maatii isaa keessaa erga ukkaamsanii booda bakka addaa laga Yabbee jedhamutti ajjeesanii gatuun ibsameera.
Kana malees, loltoonni faashistii Bilxiginnaa dhala namaaf gara laafina tokko hin qabne kunneen Amajjii 20, 2025 nama maqaan isaa Obbo Aliyyii Yaadataa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa turuun, mana hidhaa sana keessaa baasanii paatirooliitti hidhanii waajjira bulchiinsa aanichaa keessa lafarra harkisuun gochoota suukkaneessoo adda addaa irratti raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Namoonni kunneen qaama siyaasaa kam keessaayyuu hirmaannaa kan hin qabne ta’uu fi dhiittaan mirga namoomaa daangaa darbe irratti raawwatamuun isaa ibsameera.



