ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Kutaalee impaayerattii cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu fi saamichaan illee dararaa jiraachuun ni beekama.
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shubii Gamoo iddoo addaa Daba’oo jedhamutti Amajjii 23, 2025 dargaggoo maqaan isaa Talilaa Toleeraa jedhamu kan ajjeesan oggaa ta’u, aanichuma bulchiinsa magaalaa Maqiitti ammoo dargaggoo maqaan isaa Bariisoo Goobanaa jedhamu Amajjii 24, 2025 milishaa maqaan isaa Dambal Jimmaa jedhamuun ajjeefamuun ibsameera.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, isaanis sababa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa laattu” jedhuun yakkamanii ajjeefamuun dhagaa’ameera.


