ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Garboomfattoonni Bilxiginnaa eenyummaa isaanii dhugaa dhokfachuun ani Oromoodha, afaan Oromoo, aadaa Oromoo, eenyummaa sabichaa addunyaatti beeksisuu fi guddina impaayerattiif hojjechaa jirra jechuun hololaa fi goyyomsaa karaalee dabballootaa fi miidiyaalee isaanii oofuun garuu faallaa kanaa saba Oromoo saamuu, hidhuu fi ajjeesuun dhabamsiisuu irratti hojjechaa jiru.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Amuumaa Bubbisaa jedhamu keessatti Amajjii 24, 2025 uummata nagaa jireenya isaa geggeeffatu qe’ee isaanii keessaa qabuun sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaan yakkuun mooraa waraanaa isaaniitti hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Namoonni hidhamuun dararamaa jiranis maqaan isaanii:
1 Abbichuu Galaan,
2. Shallamaa Guutaa,
3. Girmaa Badhaasaa,
4. Shambal Shifarraa fi
5. Aadde Jiituu Fiqiruu haadha daa’imman afurii waliin hidhanii dararaa jiraachuun beekameera.
Gochuma wal fakkaatuun aanaadhuma kana ganda Darroo Willincoo keessatti guyyaadhuma kana namoota hedduu qe’ee isaaniitii qabuun mooraa waraanaa keessatti hidhuun dararaa jiraachuun ifoomeera.
Namoonni qabamuun hidhamaan kunneenis;
1. Tikkuu Naggasaa
2. Badhaadhaa Dachaasaa
3. Yaazuu Asaffaa
4. Guutaa Ijaaraa fi
5. Shaalulee Dajan kanneen jedhaman sababni hidhamuu isaanii Oromummaa isaanii qofa akka ta’e jiraattoonni naannichaa ONM’tti dubbatan.



