• Fri. Nov 20th, 2026

Milishoonni murna PP Lixa Harargee magaalaa Mi’eessoo keessatti abbaa daa’ima tokkoo haala nama gaddisiisuun yoo ajjeesan, hidhaas hammeessan

Jan 27, 2025

ONM-ABO Amajjii 26, 2025 

Jireenya isaanii geggeeffachuuf carraaqanii kan bulan ilmaan Oromoo, barataa fi barsiisaa, daldalaa fi qonnaan bulaa akkasumas hojiilee garaa garaa hojjechuun kan jiraatan tuttuqaa siyaasaa kam irraa walaba kan ta’an biyya abbaa isaanii irratti hanga bineensaa hanqachuun ergamtoota Bilxiginnaan duguuggaan sanyii irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.

Amajjii 25, 2025 Magaalaa Mi’eessoo keessatti abbaa ilmaan lamaa kan ta’e, kan hojii humnaa ba’aa baachuun ilmaan isaa jiraachifatu nama maqaan isaa Toofiq Abdullee Ibiroo jedhamu sababa inni namoota sabaan Amaaraa ta’an waliin dhimma dhuunfaa irratti walitti bu’eef jecha, milishoonni Bilxiginnaa sabaan Amaaraa ta’an dhiibbaa sanyummaa irratti geggeessuun Oromummaa isaa qofaaf nama lama ta’anii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun ajjeesuu maddeen ONM’f eeran.

Akka jiraattonni magaalichaa dubbatanitti namni kun harka qalleessa dafqa isaan ilmaan isaa guddifatu ta’uu himuun, milishoonni kun ammoo jibbiinsa Oromoof qabaniif jecha gara saba isaanii goruun akka ajjeessan jiraattoonni magaalichaa miira gaddaan Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduu hidhaatiin ammoo Amajjii 21, 2025 waraanni Bilxiginnaa aanaa Mi’eessoo magaalaa Asaboot keessaa namoota maqaan isaanii:

  1.  Abdii Jamaal,
  2.  Mohaammad Diinaa,
  3.  Mohaammad Mansuur,
  4.  Jamaal Kadirii fi 

kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduu sababa tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply