ONM-ABO Amajjii 28, 2025
Ergamaan addaa Mootummoota Gamtoomanii Yaman, Hans Grundberg Wiixata dheengaddaa qondaala olaanaa Huutii Omaan keessa jiru waliin wal arguun, hojjettoonni UN garee hidhattoota kanaan qabaman akka gadhiifaman gaafataniiru.
Ibsi waajjira Grundberg irraa ba’e akka jedhutti, “qondaaltota olaanoo Omaan” fi dubbi himaa Huutii Iraaniin deeggaraman Mohammed Abdul Salam waliin Maaskat keessatti wal argan. “Dhiheenya kana hojjettoota Mootummoota Gamtoomanii dabalataa hidhamuu isaanii ilaalan,” jedha ibsichi garee hidhattoota Yaman eeruun.
Jimaata darbe hojjettoota UN torba to’annaa jala oolchuu isaanii kan beeksise yoo ta’u, kunis hojjettoota UN 13 fi hojjettoota dhaabbilee miti mootummaa gara 50 ta’an kanneen ji’a Waxabajjii irraa eegalee hidhaman dabaleera.
Ibsichi “hojjetoonni dhaabbilee miti mootummaa idil-addunyaa fi biyyoolessaa, waldaalee siivikii fi ergamoota dippilomaasii Waxabajjii 2024 irraa eegalee gaggeeffaman, akkasumas kanneen bara 2021 fi 2023 irraa eegalee qabaman irraa bilisa akka ta’anis gaafateera.”
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp torban kana keessa Huutii tarree dhaabbilee shororkeessummaa biyya alaa Ameerikaa keessatti akka deebi’an ajajuu AFP’n gabaaseera.

