ONM-ABO Amajjii 27, 2025
Ergamtootni murna Bilxiginnaa uummata Oromoo irratti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi doorsisni isaan irratti raawwatan inumaa daran hawaasicha xiiqeffachiisuu malee of booda deebisuu akka hin dandeenye gaafa baran, abdii kutannaa hamaa keessa seenuun uummata gaddaa fi gammachuu isaa waliin qooddatee jiruu hawaasummaa waliin geggeeffatu gidduutti garaa garummaa uumuuf jecha warra magaalaa fi baadiyyaa, akkasumas maatii qabsaa’otaa jedhanii gargar baasaa jiraachuun barame.
Amajjii 23, 2025 waraanni raayyaa ittisa Impaayerattii magaalaa Baatee irraa gara baadiyyaa aanichaa Tammaanoo jedhamutti imaluun hawaasa naannichaa walitti qabanii ilmaan keessan bosona jiran galchaa, yoo hin galchitan ta’e miidhaa isin irra ga’uuf itti gaafatamaan matuma keessani ittiin jechuun akeekkachiisanii deeman.
Waraanni faashistii PP kunneenis Amajjii 25, 2025 gara baadiyyaa aanaa Baatee Tammaanoo fi Jaldeettiitti imaluun hawaasa aanaan Jaldeettiin of jalaa qabdu gandoota 9’n isin maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti, ilmaan keessan galchaa jennaan ammoo diddaniittu, WBO’n keessan isin haa baasu jechuun akeekkachiisanii deemuu maddeen ONM’tti himan.
Jiraattotni aanichaa akka jedhanitti, hidhattootni sirnichaa kunneen warra magaalaa, warra baadiyyaa fi maatii qabsaa’otaa jechuun bakkoota hedduutti nu qoqqoodaa jiru, akkasumas hariiroo hawaasummaa, bittaa fi gurgurtaa deemuullee nu ugguraa jiru jechuun dabaluun dubbataniiru.


