ONM-ABO Amajjii 27, 2025
Turkiin Dilbata kaleessaa haleellaa Humni Dafee qaqqabaa Sudaan (RSF) hospitaala Sa’uudii Sudaan irratti raawwate “cimsee” balaaleffachuun, seerri idil-addunyaa kabajamuu akka qabuu fi bu’uuraaleen misoomaa siiviilii xiyyeeffannoo argachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Turkii ibsa X irratti kenneen maatii namoota lubbuu dhabanii fi ummata Sudaaniif jajjabina dabarseera.
“Tarkaanfiiwwan Sudaan keessatti nagaa fi tasgabbiin akka uumamu dandeessisan deeggaruuf kutannoo qabna” jedheera ministeerichi.
Haleellaa dirooniin Dilbata darbe gareen waraana gartokkee RSF Hospitaala Sa’udii magaalaa guddoo bulchiinsa Kaaba Daarfuur El Fasher keessatti argamu irratti raawwateen namoonni 70 ol ajjeefamaniiru jedha bulchaan Arkuwa Minnawi.
Ministeerri Dhimma Alaa Sa’uudii haleellaa kana “seera idil-addunyaa fi namoomaa cabsuu” jechuun mootummaan kun “cabsa akkasii cimsee diduu” isaa irra deebi’ee mirkaneessee jira jechuun associated Press gabaaseera.


