ONM-ABO Amajjii 28, 2025
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees Wiixata kaleessaa haleellaa hospitaala Sa’uudii Sudaan keessatti raawwatame ”cimsanii” balaaleffatan.
Haleellaa kana keessatti yoo xiqqaate dhukkubsattoonni 70 fi firoottan isaanii ajjeefamanii, kanneen biroo kudhanootaan madaa’aniiru, jedha ibsi waajjira dubbi himaa.
Haleellaa kana ”suukaneessaa” jechuun ibsuun, Guterres waraanni Sudaan keessatti deemaa jiru ”sirni eegumsa fayyaa biyyattii akka ciccitu” taasiseera jechuun ibsaniiru.
“Barreessaan Muummichi, seera namoomaa idil-addunyaa jalatti, madaa’anii fi dhukkubsattoonni, akkasumas hojjettoonni yaalaa fi dhaabbileen yaalaa yeroo hunda kabajamuu fi eegumsa argachuu akka qaban irra deebi’een ibsa,” jechuun namoota yakka kana raawwataniif itti gaafatamummaa akka qabaatan gaafateera jechuun BBC’n gabaaseera.

