ONM-ABO Amajjii 28, 2025
Godina Jimmaa bilchiinsa magaalaa Jimmaatti caasaaleen Bilxiginnaa Amajjii 23, 2025 waltajjii mata dureen isaa Marii Hayyootaa jedhu qopheessuun barsiisota Yunivarsiitii mariisisaa kan turan yoo ta’u, Amajjjii 24, 2025 ammoo magaalichumatti barsiisota Koolleejjii fi barsiisota sadarkaa 2’ffaa mariisisaa turuu isaanii maddeen keenya gamasii ONM’tti himaniiru.
Amajjii 25, 2025 ammoo barsiisota sadarkaa gadii (elementary) irra jiraniif leenjii kennaa kan turan ta’uu barsiisonni kun himuun, leenjiin barsiisota sadarkaa gad-aanaaf kennamaa turee fi mariin mata dureen isaa maqaa Marii Hayyootaa jedhuun qophaa’ee barsiisota Yunivarsiitii, Kolleejjii fi barsiisota sadarkaa 2’ffaa hirmaachisuun magaalaa Jimmaatti geggeeffamaa ture kun barsiisonni sirna Bilxiginnaa jala hiriiruu akka qaban ifaan ifatti barsiisaa turuun himameera.
Akka barsiisonni jedhanitti, marii mata duree Marii Hayyootaa fi leenjii barsiisotaa magaalaa Jimmaatti tibbana kennamaa ture irraa waanti hubatamu yoo jiraate, sirnichi dirqamaan na jaaladhaa fi na deggaraa jechuudha, kun ammoo kan mul’isu akkuma “namni baduuf ka’e nama galaafata” jedhamu sana sirnichi ofii isaaf baduuf waan ka’eef waan qabee gadi dhiisu wallaaluun nuunis waanta nu hin ilaallanne keessa nu galchee nu hiraarsaa jiras jechuun dubbatan.
Itti dabaluun barsiisonni akka himanitti, marii mata duree Hayyootaa jedhanii nu mariisisaa turan kanaan dura maqaa keenya barreessanii gaaffii gaafadhaa nuun jedhu, nuti ammoo kan qeenxees, ta’e gaaffii sabaa yoo gaafanne waa’ee sirna Bilxiginnaa faallessu dubbatte jedhanii nu reebu, nu hidhu, nu doorsisus jechuun ibsu.
Barsiisonni kunneen maaliif? jennee yoo gaafannes xiyyeeffannoon marii keenyaa gaaffii mirgaa gaafachuu miti, godinni Jimmaa nagaadha waan ta’eef nageenya kana waloon haa tikfannu, waan social median wal qabatee sirna Bilxiginnaa hadheessus haa balaaleffannu jechuun barsiisota doorsisaa turuu barsiisonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

