• Thu. Nov 26th, 2026

Waraanni faashistii PP ejjennoo lama qabatee wal falmaa yeroo jirutti, qondaaltotni Bilxiginnaa waraanni kun ajandaa kanatti akka hin qabamneef maqaa sakatta’iinsaan dirqama bobbaasaa jiraachuun barame

Jan 29, 2025

ONM-ABO Amajjii 28, 2025 

Murni faashistii PP ilmaan haadha hiyyeessaa humnaa fi goyyomsaan qabee leenjisuun waggoottan 6’n kana lola isaan hin ilaallannetti galchuun ofiis dhumanii lammiilees akka fixan erga taasifameen booda yeroo loltootni PP lolli kun nu hin barbaachisu jechuun wal mormaa jirantu dhaga’amaa jira.

Mormii isaanii kanas ifatti waltajjii gurguddaa irrattis mooraa waraanaa adda addaa keessattis geggeessaa jiru.

Ragaa kanaan walqabatu qondaala waraana PP sadarkaa olaanaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa akka qaqqabetti loltootni PP garee lamatti qoodamuuun wal mormaa jiru. Gareen tokko lolli Waraana Bilisummaa Oromoo fi Faannoo waliin gochaa jirru miidhaa malee bu’aa hin argamsiisne, hanga yoomiitti lola kanaan nutis lammiileenis miidhamu, nuffineerra kanaafuu mareen haa goolabamu sagalee jedhu yoo ta’u, garee 2’ffaan ammoo hidhattoota jiran TPLF waliin akka wal nyaatan WBO fi Faannoo ammoo afaan qawween cabsina jechuun ejjennoo qabatanii jiru.

Oduu keessoo irraa nu qaqqabe kanaan hanga ammaatti qondaaltotni yaada lolli haa dhaabbatu jedhu irratti walii galuu hin dandeenye.

Dhuguma Bilxiginnaa irraa nagaa eeguun akka hin danda’amne hojii isaanii fi dubbii qondaaltota isaanii irraa hubachuun ni danda’ama.

Qondaalotni Bilxiginnaa buqqisi, balleessi, dhabamuu qabuu fi badaniiruu jechuu adeeffataniiru.

Leetinaant Koloneel Geetinnet Adaanee itti gaafatamaan Sabqunnamtii waraana PP Baahir Daaritti argamuun baatii muraasa dura afaan isaan filataniin waliin dubbanna jechuun afaan qawwee qofa filachuu dubbatee ture.

Rakkoon waraana Bilxiginnaa keessa jiru inni tokko lafa mana jireenyaa fi mana qondaaltota waraana isaaf Abiy Ahimed hiree tureen wal qabatee gaaffii miseensota irraa isaaniif ka’een akkaataa naannoo dhaloota keessaniitti naannoo keessan irraa fudhattu jedhamuunis, sun guutuufii diduun dhalattootni Oromoo mufii argisiisaa jiraachuu dubbatu.

Gama jireenyaanis, jireenya waraanichaa jijjiirraan miindaan dabalame ga’aa miti jechuun waraanni bakka jiru irraa qawwee lafa kaa’ee baduu, gurgurachuu fi harka kennachaa jiraachuun qondaaltota PP jeeqaa jiraachuun ibsameera.

Waraanni PP yeroo itti Bilxiginnaan Walgahii Waliigalaa Koree Gidduu isaa geggeeffachuuf qopha’aa jirutti jeequmsa keessa jiraachuu kan himan maddeen, torbee darbe Birgaader Jeneraal Kabbadee Raggaasaa paartiileen siyaasaa rakkoolee keessan gadi taa’aa furadhaa nuun hin ficcisiisinaa jechuun  sagalee dhageessise kan sadarkaa gadiitti gadi bu’aa jiraachuun barameera.

Leave a Reply