• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee adda addaa irraa hidhaa, saamichaa fi dararaan loltoota maafiyaa PP’n jiraattota irratti raawwatamu akkuma itti fufetti jira

Jan 30, 2025

ONM-ABO Amajjii 30, 2025 

Aanaa Abaaboo Guduruu magaalaa Daduu irraa loltoonni Bilxiginnaa hawaasa meesha maleessa dararuu araada godhatan Amajjii 21, 2025 badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Daawwit Asfawuu,
  2. Sooressaa Margaa,
  3. Jabeessaa fi
  4. Damoozee kanneen jedhaman 

ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Oduu biraatiin ammoo, godinuma kana aanaa Amuruu ganda Siiddan jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa akkuma amala isaanii duraatti giiphii fi garaa isaanii qofa furdifachuuf akka saree maraatuu olii fi gadi kan fiigan, qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Girmaa Mokonnon jedhamu irraa qarshii 60,000 saamanii deemuu maddeen itti dhiheenyaan beekan himan.

Akka maddeen himanitti, qonnaan bulaan kun kan saamame, maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta” jedhuun hoggaa ta’u, jaleewwan Bilxiginnaa obboleeyyan ta’an kanneen maqaan isaanii Fiqiruu Toleeraa fi Jireenyaa Toleeraa jedhaman hawaasa doorsisuun qarshii guddaa uummata irraa saamaa jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply