• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat gandoota baadiyyaa hedduu keessatti hawaasa nagaa qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun dhaga’ame

Jan 30, 2025

ONM-ABO Amajjii 29, 2025 

Lola impaayerattii keessatti geggeeffamaa jiruun boolla lixaa kan dhabe murni Bilxiginnaa ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi dararaan garaa garaa inni uummata nagaa irratti geggeessaa jiru itti xiqqaannaan, amma immoo karoora “yoo uummata baadiyyaa Oromiyaa hunda keessaa buqqisnee magaalaatti galchine Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu dandeenya” jedhuun uummata siyaasa kam keessayyuu hin jirre qe’ee fi qabeenya isaa irraa ari’aa jira.

Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Qarree Sokorii jedhamu keessaa Amajjii 25, 2025 waraanni maafiyaan PP hawaasa nagaa aanaa kana jiraatan guutummaa isaaniin “qe’ee fi qabeenya keessan irraa buqqaatanii gara magaalaatti galuu qabdu” jechuun “yoo hin buqqaatan ta’e immoo, Dirooniidhaan mana keessan waliin isin gubna” jechuun doorsisaa turuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni dubbifne himanitti, sababni murni Bilxiginnaa gocha dabaa kana raawwachaa jiruufis, “yoo uummata baadiyyaa buqqifne WBO balleessuu dandeenya” kan jedhu akka ta’e himuun, haa ta’uyyuu malee, jiraattonni gandichaa immoo faallessuun “qe’ee fi qabeenya keenya dhiifnee bakka deemnu tokko illee waan hin qabneef waan barbaaddan nu godhaa” wayita jedhanitti, hidhattoonni sirnichaa qabeenya guutuu waliin mana jireenyaa Obbo Baqqaany Amanuu dabalatee kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduutti ibidda itti shiduun barbadeessuu dabalataan ibsaniiru.

Leave a Reply