• Mon. Mar 16th, 2026

ABO-WBO’n Zoonii Kibba Bahaatti miseensota WBO haarawaaa leenjii xumursiisee eebbisiise

Jan 31, 2025

ONM-ABO Amajjii 30, 2025 

Uummatni Oromoo bilisummaa isaa gonfatee mirga hiree isaa ofiin murteeffachuu akka qabaatu gochuuf falmaa hadha’aa geggeessaa kan jiru gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo, Dhaaba isaa ABO-WBO jalatti dhaabbii waraanummaa isaa jabeessee murna Bilxiginnaa hundeen buqqisuuf dargaggoota Oromoo ofitti fudhatee leenjii kenneefii dirqamaaf bobbaasaa jira.

Akka kanaanis torbee kana keessa abdii fi egereen Oromoo fi Oromiyaa WBO’n Zoonii Kibba Bahaa kaadhimamtoota   Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo dheeraaf leenjii siyaasaa fi waraanummaa kennaafii ture xumursiisuun eebbisiisee jira.

Dargaggoota Oromoo miseensota WBO taasisuun Zoonii Kibba Bahaatti eebbisiise kanaafis barnoota siyaasaa, heera, sagantaa siyaasaa fi seera naamusaa fi dambii adabaa caayaatti akkasumas dirreetti ga’umsa qaamaa fi tooftaa lolaa kenneefii jira.

Eebba kana irratti qondaaltotni WBO zoonichaa argamuun eebbifamtootaan baga ofirra saba keessan jaal’attanii roorrisaa buqqisuuf leenjii xumurattan jechuun, dirree lolaa irratti saayinsii waraanaa fayyadamuu akkasumas hawaasa keessatti sagantaa siyaasaa ABO-WBO’f bakka kennuun akka hojii irra oolchitan jechuun dubbatan.

Dhuma irrattis hawaasa qabsa’aafii jirrutti naamusa gaarii agarsiisuu qabna erga jedhaniin booda, murna Bilxiginnaa fala dhabee raafamaa jiru xumura itti gochuuf qabsoo geggeeffamaa jiru kanatti ilmaan Oromoo waraana Bilxiginnaa kan raayyaa ittisaa, Poolisii, Riphee Lolaa, Humna Qilleensaa akkasumas hojjettootni bulchiinsa mootummaa keessaa hojjettan uummata keessan baraaruuf gara qabsoo bilisummaa Oromoof WBO’n geggeeffamaa jirutti akka ilaalcha ykn humna keessaniin makamtan jechuun Ajajaan Zoonii Kibba Bahaa Jaal Sabaa’if Galgoo dhaamsa isaa dabarseeraaf.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading