• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti dararaa fi hidhaan hidhattoota sirnichaan jabaate

Feb 1, 2025

ONM-ABO Amajjii 31, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa Oromoof rifaatuu tokkollee kan  hin qabne uummata nagaa irratti yakka namoomaa raawwachuun duguggaa sanyii irratti geggeessaa har’a akka geesse eenyu jalaa kan dhokate miti.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Giddaa Basakkaatti kaleessa Amajjii 30, 2025 Waraanni faashistii Abiy Ahimed uummata nagaatti bobbaafamuun badii tokko malee hidhanii gidirsaa jiraachuun beekameera.

Namoonni yakka tokko malee hidhamuun hiraarfamaa jiran muraasni maqaan nu ga’e:

1. Abdataa Bariyoo,

2. Abiree Taaddasaa,

3. Mitikkuu Taayyee,

4. Faqqadaa Yiggazuu,

5. Abarraa Mulgeetaa,

6. Lalisaa Sanbatoo,

7. Gammachuu Ligaabaa,

8. Lalisaa Bultii fi 

9. Caalaa Mul’ataa kan jedhaman hidhamanii gaaffii seeraa tokko malee doorsisni jabaan irratti hammaatee jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply