ONM-ABO Gurraandhala 1, 2025
Dinagdeen impaayerattii qilee bu’uu irraan kan ka’e waan qabee gadi dhiisu kan wallaale faashistichi abbaa irree Bilxiginnaan, golee Oromiyaa mara keessatti afaan qawween doorsisee uummata saamuu filannoo isaa isa jalqabaa taasifachuun saamicha daangaa darbe guyyuu raawwachaa oola.
Bifuma kanaan bulchiinsa magaalaa Naqamteetti Inshuraansii fayyaa hawaasaa gareedhaan (namoota 2 fi isaa oliin) bitadhaa jechuun kaffaltii duraan qarshii 1200 fudhachaa turan yeroo ammaa ammoo ol guddisuun qarshii 10,000 fi isaa ol jiraattota harkaa fudhachaa kan jiran ta’uu fi kaffaltii kanas dura waggaatti al tokko qofa kan kaffalaa turre, amma garuu waggaa tokko keessatti irra deddeebiin kaffalaa jirra jechuun jiraattotni dubbatu.
Kana malees kaffaltii milishaaf jechuun namoota harka qalleeyyii ta’an irraa gadi aanaa qarshii 500, kanneen jireenya fooyya’aa jiraatan irraa ammoo qarshii 2000 fi isaa ol dirqiin jiraattota harkaa saamaa kan jiran ta’uu fi maqaa gibira manaa jedhuun immoo gadi aanaan qarshii 3800 fi kanneen manni jireenyaa isaanii daandii gurraacha irra ykn wiirtuu magaalaa keessa ta’an ammoo hanga qarshii 30,000’tti kaffalchiisaa akka jiran maddeen magaalichaa ONM’tti himan.

