ONM-ABO Guraandhala 1, 2025
Duulli duguuggaa sanyii guyyuu ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaatee ittuma fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti abbaan maatii tokko loltoota sirnichaan mana hidhaa keessaa baafamee ajjeefamuun himamee jira.
Jiraataa aanaa Begii ganda Foongoo Waabaraa kan ta’e nama maqaan isaa Sheek Maammadnuur Yaasii jedhamu ergamtoonni sirnichaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun mooraa waraana Bilxiginnaa magaalaa Begii keessatti yeroo dheeraaf hidhanii garmalee dararaa turuun, Amajjii 29, 2025 ammoo hidhaa keessaa baasanii haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namni kun abbaa ijoollee 7 yoo ta’u, siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa sobaan yakkanii ajjeesuun maatii isaas jiruu gadadoo hamtuuf saaxilanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Yeroo ammaas aanicha keessatti duulli duguuggaa sanyii lammiilee nagaa irratti guyyuu geggeefamu daran jabaatee jiraachuun jiraattonnis sodaa nageenyaa guddaa keessa seenuun sadarkaa qe’ee fi qabeenyaa dhiisanii baqachuu irra ga’anii kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.
