ONM-ABO Amajjii 31, 2025
Ergamtoonni Koloneel Abiy Ahimed dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun uummata Oromoo irratti miidhaa hangana hin jedhamne geessisaa oolu.
Aanaa Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Giraanchee irraa Amajjii 27, 2025 ergamtoonni sirna bututaa suphuuf ilmaan Oromoo hiraarsaa oolan loltoonni Abiy Ahimed badii tokko malee nama maqaan isaa Biraanuu Barsiisaa jedhamu bakka hojii isaatii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Namni kun badii seeraa tokkollee kan hin qabnee fi hawaasa naannoo isaa waliinis kabajaa fi jaalalaan kan jiraatu yommuu ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa garuu sababa sobaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun eeramee jira.

