• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii keessatti waraanni Bilxiginnaa maanguddoo ganna 70 olii haala suukkanneessaan ajjeesanii gatuun dhaga’ame

Feb 2, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025 

Dhiiga ilmaan Oromoo akka rooba gannaatti dhangalaasaa kan oolu murni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa mara keessatti waraana isaa akka malee bobbaasuun gochoota suukkanneessoo garaa garaa uummata Oromoo irratti raawwachiisaa jira.

Amajjii 31, 2025 aanaa Gidaamii ganda Maleekoo Manaamoo keessaa maanguddoo maqaan isaanii Obbo Barjaa Waltajjii jedhaman waraanni sirnichaa badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, maanguddoon kun hirmaannaa siyaasaa garee kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannoo birattis jaalalaa fi kabaja guddaa kan qaban ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa waraanummaa hin kabajne ammoo maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun ajjeesuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply