ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025
Raashiyaan Sanbata kaleessaa Yukireen irratti diroonii fi misaa’ela dhukaasuun namoota saddeet ajjeesuu fi gamoolee mana jireenyaa akkasumas bu’uuraalee anniisaa guutuu biyyattii kurnan hedduu miidhuu qondaaltonni Yukireen himaniiru.
Ministeerri biyya keessaa akka beeksisetti, misaa’elli Raashiyaa giddu galeessa magaalaa Poltavaa keessatti gamoo mana jireenyaa rukutee daa’imman sadii dabalatee namoonni afur du’uu fi 13 madeesse.
Ministeerichi suuraawwan appii ergaa Telegram irratti maxxansuun gamoo kana dabareewwan gubbaa hedduun caccabee fi utubaawwan furdaa aarri gara samiitti ol ka’uu agarsiisan.
Namoonni abidda dhaamsanii fi baraartoonni kudhanootaan lakkaa’aman caccabaa kana keessa sakatta’aa turan. Haleellaan Moskoo kaleessa ganama misaa’elaan raawwatte haleellaa galgala darbe Raashiyaan wiirtuu seena qabeessa buufata doonii Galaana Gurraacha Odesa irratti raawwatteen miidhaa geessise hordofeeti jechuun Rooyiteers gabaaseera.


