ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025
Dhiigni qulqulluun guyyaa guyyaan qe’ee Oromoo mara keessatti dhangala’u waaqatti ol iyyachuun, ergamtootni Bilxiginnaa walii isaaniin walitti deebi’uun wal nyaachaa jiru.
Amajjii 30, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Diillaa Gogolaa irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama gandicha irraa gara magaalaa Boondowootti imaluun achitti oggaa qabaman isin WBO’tti badaa jirtu ittiin jechuun qorannoo erga irratti geggeessaniin booda hidhannoo fi qawwee irraa hiikuun bakka bosona Qassoo jedhamtu geessanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees akka guutuu impaayerattiitti hojjetoonni mootummaa fi waraanni sirnichaa sanyiin wal qooduun wal ajjeesuu fi wal hidhuu akkasumas hojii irraa wal ari’aa jiraachuun kan beekamuudha.


