• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa dargaggootaa galmeessaa jiraachuun himame

Feb 4, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025 

Lukkeeleen PP kaayyoo tokko osoo hin qabaanne waanuma isaanitti fakkaate hunda hojjechuun hawaasa gaddisiisaa oolan, qe’ee hawaasaa irra deemanii maqaa dargaggootaa galmeessaa jiru. 

Aanaa Baddannoo ganda Gooroo Wadoo keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa Amajjii 31, 2025 maqaa dargaggoota gandicha keessatti dhalatan kan biyya keessa jiranii fi hin jirre hunda galmeessaa turuu jiraattonni gandichaa addeessanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, kaayyoon maqaan dargaggootaa galmaa’aa jiruuf nuuf hin galle, unki isaan guutan nuuf hin galle, dargaggoota irratti maal akka isaan yaadan hin baramne jechuun itti dabaluun dubbatu.

Qabsaa’ota dirree irra jiran adda baasuuf carraaqqii Bilxiginnaan raawwachaa jirtus ta’uu malas kan jedhan namoonni tokko tokko, kaayyoon addattuu dargaggoota galmeessuu kun kiyyoo murni Bilxiginnaa qopheeffatee badiisaaf gadi ba’eedhas jechuun ibsaniiru 

Leave a Reply