• Tue. Nov 24th, 2026

Iraan misaa’ela balistikii haaraa ifoomsite

Feb 4, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025 

Iraan Dilbata kaleessaa misaa’ela balistikii haaraa kiiloo meetira 1,700 deemuu danda’a jette kan ifa goote yoo ta’u, Teeyiran sirna prezidaant Maasud Pezeshkian irratti hirmaatan irratti ifoomsiteetti.

Televijiniin mootummaa suuraa misaa’ela kanaa kan afaan Faarsiin Etemad ykn “trust” jedhamuun moggaafame tamsaasuun, fageenya guddaa kiiloo meetira 1,700 (maayilii 1,056) akka qabuu fi “misaa’ela balistikii dhiheenya kanaa” ministeera ittisaa Iraaniin ijaarame ta’uun ibseera. Biyyoonni dhihaa sagantaa misaa’ela balistikii Iraan irratti guddina jiru irratti yaaddoo guddaa kan qaban yoo ta’u, Baha Giddu Galeessaa tasgabbii dhabsiisa jechuun Iraaniin himataniiru.

Dizaayiniin haaraan kana dabalatee misaa’eloonni Iraan diina ishee guddaa Israa’el kan bara darbe yeroo waraanni Gaazaa geggeeffamaa ture yeroo lama irratti xiyyeeffatte bira ga’uu danda’a.   

“Guddinni dandeettii ittisaa fi teeknooloojii hawaa… biyyi kamiyyuu dachee Iraan haleeluu akka hin jajjabeessine mirkaneessuuf kan akeekedha,” jechuun Pezeshkian haasaa televijiiniin taasisaniin dubbataniiru.

Sirni kun guyyaa aerospace biyyoolessaa Iraan fi waggaa 46ffaa uumamuu Rippabiliika Islaamaa Guraandhala 10, 1979 guyyoota muraasa dura kan raawwatame yoo ta’u, bara 1980 fi 1988 gidduutti Iraaq waliin waraana hamaa taasifameen uggura meeshaa waraanaa jala kan turte, amma garuu Iraan…  misaa’ela, sirna ittisa qilleensaa fi diroonii jedhaman qabachuun addunyaa irratti maqaan ishee dha’amaa jiraachuu AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply