• Tue. Nov 24th, 2026

Tiraamp Ameerikaan shororkeessitoota olaanoo ISIS Somaaliyaa keessatti haleellaa xiyyaaraa raawwatte jedhu

Feb 4, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025 

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp akka jedhanitti, Ameerikaan karoora olaanaa garee shororkeessummaa ISIS (Da’ ish) fi hojjettoota biroo Somaaliyaa keessatti haleellaa xiyyaaraa raawwatteetti.

“Har’a ganama Karoorsituu Haleellaa ISIS Olaanaa fi shororkeessitoota biroo inni Somaaliyaa keessatti bobbaasee fi hooggane irratti haleellaa qilleensaa waraanaa sirritti ajajeera,” jechuun Tiraamp X irratti dubbataniiru.

Shororkeessaan kun holqa keessa dhokatee Ameerikaa fi michoota ishee sodaachisaa akka ture himaniiru.

Holqa isaan keessa jiraatan barbadeesse, akkasumas shororkeessitoota hedduu osoo, karaa kamiinuu, namoota nagaa hin miidhin ajjeese,” jedhan. 

“Waraanni keenya waggootaaf Karoorsituu Haleellaa ISIS kana irratti xiyyeeffatee ture, garuu Baayiden fi michoonni isaa hojii sana hojjechuuf dafanii tarkaanfii hin fudhanne turan animmoo irratti hojjedheera jedhan jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply