ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025
Waraanni Libaanos haleellaa Israa’el hammaataa dhufe keessatti kutaaleen waraanaa isaa gara kibbaatti bobbaafamuu isaanii beeksiseera.
Waraanni Libaanos ”murtee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 1701 hojiirra oolchuuf tattaaffii itti fufuu fi bakkeewwan hedduu kibba laga Liitaaniitti hojii dirree barbaachisaa ta’e raawwachuuf” waadaa galuu isaa irra deebi’ee mirkaneesse.
Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuutiin waraana ishee Libaanos keessaa bahuu Amajjii 26tti xumuruu qabdi turte, garuu diddee yeroon xumuraa hanga Guraandhala 18tti dheerate jedha Waayit Haawus.
Jiraattonni gara gandoota kibba Libaanositti deebi’uuf yeroo yaalan, Amajjii 26 irraa eegalee dhukaasa Israa’eliin yoo xiqqaate namoonni 26 yoo du’an, 221 ammoo madaa’aniiru jedha qondaaltonni fayyaa naannoo sanaa.
Lolli waggaa tokkoo oliif geggeeffame kun Libaanos keessatti namoota 4,000 ol ajjeesee, namoota hedduu madeesseera jechuun Rooyiters gabaaseera.

