• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba Baha Oromiyaa Aanaalee Diigaluu fi Xiijjootti murni Bilxiginnaa, basaastota isaanii gandoota baadiyyaatti bobbaasuun saaxilame

Feb 6, 2025

ONM-ABO Guraandhala 3, 2025 

Bara dhufaa darbaan haadha hiyyeessaa boossisaa kan oolu akkasumas hammeenyaa fi jallina malee Uummata Oromoof gaarii yaadee kan hin beekne impaayerri itiyoophiyaa, har’as akkuma amala isaa gocha isaa jibbisiisaa fi ciiggaassisaa kana itti fufee Jira.

Saba Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachuuf kan murteeffate murni Bilxiginnaa, guyyuu gara jabinaa fi hammeenya isaatiin Uummata Oromoo dhabamsiisuuf tarsiimoo dabaa baafatee kan socho’u yeroo ammaa kanas Kibba Baha Oromiyaa onoota adda addaatti ergamtoota isaa hawaasa keessa bobbaasee jiraachuun ibsameera. 

Tooftaa hamminaa baasuun akkuma kana dura gochaa turee fi gochaa jiru  sana ammas Irree fi gaachana sabichaa kan ta’e WBO dachee Oromiyaa irraa dhabamsiisuu fi akkasumas uummata Oromoo ija jaamsuuf kallattiilee maraan shira isaa dalaguu itti fufuun, Arsii Bahaa aanaa Digaaluu fi Xiijjootti PP’n gandoota Baadiyyaatti basaastuu bifa haarawaan bobbaasuun meeshaalee WBO’n harkaa qabu maal akka ta’ee fi sochiilee waraanichaas akka hordofaniif bobbaastee akka jirtu qaruuxeen WBO odeeffachuu danda’eera.

Leave a Reply