ONM-ABO Gurraandhala 4, 2025
Godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaa guutummaa keessatti waraanni sirna nama nyaataa PP, sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf jiraattota gandichaa mana isaanii keessaa ukkaamsanii gara mana hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ganda Qixxee Too’isaa jedhamu irraa torban darbe irraa eegaluun maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun sobaan yakkuun namoota maqaan isaanii:
1. Nageessoo Tummaa,
2. Dammaa Aayiqoo jedhamanii fi
kanneen biroo hedduu badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaan yakkuun mana hidhaatti dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.
Kana malees, aanaadhuma kana guutummaatti maqaa “qawwee binna” jedhuun dirqiin qarshii 1,500 tokko tokkoo namootaa irraa funaanaa jiraachuu maddeen dabalataan ibsanii jiru.

