• Thu. Nov 26th, 2026

Murni Bilxiginnaa Godina Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaatti duula sakatta’iinsa WBO geggeessuu maqaa jedhuun saamichaaf of qopheessaa jiraachuun saaxilame 

Feb 7, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 4, 2025 

Gareen faashistii PP waggoottan ja’aa oliif maqaa sakatta’iinsa waraana Bilisummaa Oromootiin qe’ee saba Oromootti bobbaafamuun hawaasa nagaa maqaa hidhata WBO qabdu jedhuun yakkee saamuu, manneen irratti gubuu, jumlaan guuree hidhuu fi ajjeechaa suukkaneessaa raawwachaa jiraachuun isaa eenyu jalaa kan dhokate miti.

Ajjeechaa fi sarbamiinsa mirgoota namoomaa uummata nagaa irratti raawwatanis garaa kan isaan hin geenye gareen maafiyaa PP lola WBO’n duula Cichoomina Kaayyoon bututtuu loltoota impaayerattii irratti taasisaa jirus kasaaraa waraanaa fi dinagdeen kan isaan hube, deebisanii of ijaaruuf jecha torban kana keessa mariirra turuun maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun bakkeewwan garaa garaatti bobbaafamuuf akka jiranis odeessi keessoo sirnichaatii bahaa jiru ni mul’isa.

Keessattuu godinaalee Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa aanaalee hunda keessatti sochii eegaluuf akka jiranis ibsameera. 

Kaayyoon sochii isaanii inni guddaan maqaa sakatta’iinsaan gandoota baadiyyaatti bobbaafamanii saamicha geggeessuu fi hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduun miidhaa qabeenyaa fi lubbuu irraan ga’uu akka ta’es ifoomeera.

Erga mataan Bilxiginnaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa qurxummii balleessuuf galaana gogsuu jedhee booda, duula maqaa WBO balleessinaan geggeeffamuun miidhaa guddaan uummata Oromoo irra qaqqabaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply