ONM-ABO Gurraandhala 4, 2025
ABO-WBO’n mooraa waraanaa isaa ga’umsaa fi fayyummaan cimsuuf ilmaan Oromoo leenjii waraanummaaf mooraa Waraana Bilisummaa Oromootti makaman keessaa dandeettii isaaniin baasuun ogummaa adda addaan leenjisee tumsa qabsoo bilisummaa Oromoof dabalataan bobbaasa.
Loltoota leenjii barbaachisaa fudhatan keessaa kanneen damee fayyaa jalatti hojjetan ni jiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaas torbee darbe miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo ogummaa fayyaan barsiisaa ture eebbisiisee xumuree jira.
Miseensota WBO barnoota ogummaa fayyaa fudhatan kanaaf yaalii jalqabaa hanga sadarkaa yaalii garaa garaa ogummaa barbaaduutti kennameeraaf.
Eebba kana irratti kan argaman qondaaltotni WBO Zoonii Kibba Bahaa ogeessota fayyaa eebbifaman kanaan rakkoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessa gama fayyaan jiru ogummaa barattaniin furaa dhibee daddarbaa hawaasa keessan quunnamus itti dhiheenyaan furuu irratti akka of kenniinsaan hojjettan jechuun dhaamsa dabarsaniiruuf.


