ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025
Godina Gujii Lixaa aanaalee akka Galaanaa, Bulee Horaa, Surroo Barguddaa, Dugda- Daawwaa fi aanaalee hedduu keessatti sababa daballii gabaatiin uummanni rakkachaa jiraachuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka Maddeen dubbatanitti sababa daballii gabaatiin boba’aan kanaan dura leetirri tokko qarshii 80-120 ture, amma ammoo kotorobaandiin qarshii 450-500 ta’uu irraa kan ka’e konkolaachistoonni waan ittiin boba’aa bitatanii uummata tajaajilan dhabanii doqdoqqee dhaabuu isaanii maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Gama biraatiin ammoo murni maafiyaan PP akka saamichaaf isaaf mijatutti Kibba Oromiyaa godinaalee Gujii lamaan keessatti meeshaalee gurguddaa dhukaasaa jiruun uummanni socho’uuf danqamee jiraachuu osoo arganii, guyyoota muraasa kana keessatti gibira dhuftanii hin kaffaltan taanaan ni ajjeefamtu jechuunis doorsisaa jiraachuun beekameera.
Uummanni godinaalee kanneenii dhukaasa meeshaalee gurguddaa dheessuun kanneen buqqa’aa jiranis danuu ogguu ta’u, haalli namoomaas haalaan rakkisaa ta’uun ibsameera.

