ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025
Dhukaasa kaleessa namni qawwee hidhate tokko dhukaasa mooraa waraana Israa’el Weest Baank dhuunfatamte irratti raawwateen loltoota Israa’el 2 ajjeesuun 8 kan madeesse yoo ta’u, namni tarkaanfii kana fudhates loltoota Israa’eliin ajjeefamuu Waraanni Israa’el ibse.
Loltoota madaa’an keessaa lama haala hamaa keessa kan turan yoo ta’u, kanneen hafan ja’a miidhama salphaa ta’uu waraanni himeera.
Taatee kun, bakka sakatta’iinsa naannoo Tayaasir gammoojjii Joordaanitti dhiyoo jirutti.
Miidiyaaleen Israa’el YNET akka gabaasetti, haleellaan kun qawwee otomaatikii M-16 hidhatee loltuu bakka dallaa qabu keessaa ba’u irratti dhukaasa banuun, lola qawwee daqiiqaa hedduu itti fudhate irraan miidhaa kana geessiseera.
Taatee kun erga bara 2023 waraana Gaazaa jalqabee jeequmsa guutuu West Baankii keessatti uumame isa dhumaati jechuun Rooyiters gabaaseera.

