ONM-ABO Gurraandhala 8, 2025
Uummata Oromoo hiraarsuu fi cunqursuu akka meeshaa aangoo dheereffachuutti kan ilaalu, waraabeessi guyyaa saafaa hamuummatee nama nyaatu murni garboomfataan Bilxiginnaa, gama danda’e hundaan loltoota isaa ilmaan Oromoo irratti bobbaasee dararaa jira.
Aanaa Shaallaa ganda Qixxee Too’isaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota dararuu kan durii caalaa hammeessuun torbee darbe keessa namoota maqaan isaanii:
- Raamatoo Bayyanoo,
- Badhaasoo Duubee fi
- Wayyeessaa Adilee jedhaman
badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni hidhaman kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamii kan hin qabnee fi maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhaatti darbatamuu isaanii dubbatu.
Ganda kana malees, gandoota aanichaa cufa keessaa jaleewwan Bilxiginnaa kunneen badii tokko malee maqaa gosa kaffaltii adda addaan saamicha irratti kan argaman ta’uun eeramee jira.

