ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025
Murni garboomfataan Bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimediin durfamu, yeroo irraa gara yerootti waraana seeraa fi sirna waraanummaa hin qabne shiftoota garee tokko qofaaf socho’an Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun, uummata Oromoo ajjeesaa, hidhaan dararaa, saamaa, qe’ee fi qabeenyaa uummatichaa barbadeessuun, golee Oromiyaa bakkoota garaa garaatti rakkisaa jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Cobii ganda Dirree Qabbanaa jedhamu keessatti hidhattoonni faashistii PP Guraandhala 6, 2025 mana uummata Oromoo qabeenyaa guutuu waliin ibiddaan gubuun barbadeessanii jiru.
Manneen namoota jalaa gubamees:
- Obbo Lammeessaa Yaaddessaa
- Obbo Abdiisaa Dhaabaa fi
- Obbo Lammeessaa Dhaabaa kanneen jedhaman ta’uun ibsameera.
Manneen namootaa gubaman sadeen irraa oomishaalee fi midhaan bara kana walitti qabamee gale waliin tokkoon tokkoon isaanii jalaa midhaan ardaba 50 olii fi meeshaalee manaa guutuu waliin jalaa barbadeessuun maatii guutuu hiyyuummaa keessa galchanii jiraachuun barameera.

