ONM-ABO Guraandhala 8, 2025
Guraandhala 5, 2025 ergamtoonni sirnichaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Amuruu Abbaa Waaree jedhamu keessaa nama maqaan isaa Nigaatuu Garbaa jedhamu toora halkanii gara qe’ee isaa dhaquun “qabeenya Qeerroo Bilisummaa Oromootu si bira jira” jechuun mana isaatii ukkaamsuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eettis achi buuteen isaa kan hin baramne ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun siyaasa kam irraa bilisa ta’u hiimuun, ergamtoonni sirnichaa kunneen wayita isa butanii deeman qabeenya mana isaa keessa jiru hunda suuraa kaasuun, mana isaas gubuuf yaadanii dhiisanii kan deeman ta’uu dubbataniiru.
Gandicha keessatti saamichi bifa adda ta’een hammaatee itti fufuun, kaffaltii gibiraa, Buusaa Gonofaa, Ispoortii, Raayyaa ittisaa, deggersa milishaa, Inshuraansii fayyaa jechuun hawaasa harka qalleessa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne irraa qarshii 5,000-10,000’tti afaan qawwee itti qabanii guuraa kan jiran ta’uu maddeen himan.
Kana malees, godinuma kana aanaa Qondaalaa ganda Boojjii Gaara Arbaa iddoo addaa Tumad jedhamu keessaa Gurraandhala 6, 2025 Sayid Ibiroo Jaarraa nama jedhamu jalaa mootora bishaanii (Jenereetara) jal’isii ammayyaaf ooluu fi qarshii 700 saamuun, maatii isaas manaa ari’anii adda bittimsanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.



