ONM-ABO Gurraandhala 8, 2025
Hoogganaan mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jimaata kaleessaa rakkoon gargaarsa namoomaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti hammaataa dhufe irratti sodaa dhageessisuun, gidduu seenuun idil-addunyaa hatattamaa akka taasifamu gaafataniiru.
Volker Turk walgahii addaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Jenevaatti taa’ame irratti haasawa taasisaniin, bulchiinsa bahaa keessattuu Kaabaa fi Kibba Kiivuu keessatti hookkara dabalaa dhufe balaaleffachuun gareen hidhatee M23 kan Raayyaa Ittisa Ruwaandaan deggaramu haleellaa isaa cimsee jiraachuu ibse.
Amajjii 26 irraa eegalee namoonni gara 3,000 ta’an kan du’uun, 2,880 ammoo madaa’uu isaanii kan gabaase yoo ta’u, lakkoofsi namoota dhugaan kana caalaa ta’uu danda’a. Waldhabdeen kun namoota 500,000 ol ta’an qe’ee isaanii akka baqatan kan dirqisiise yoo ta’u, buqqaatonni biyya keessaa miiliyoona 6.4 guuruu himaniiiru.
“Buufatni xiyyaaraa Goma, kan gargaarsa namoomaaf baayyee barbaachisaa ta’e, humnoota M23 fi Ruwaandaan akka hin hojjenne taasisaniiru. Manneen kuusaa kan MONUSCO (ergama UN) fi dhaabbilee gargaarsa namoomaa saamamaniiru,” jechuun akeekkachiisaniiru.
“Namoonni qaamolee dhimmicha keessa jiran irratti dhiibbaa qaban hundi, mootummaas ta’e qooda fudhattoota mootummaa hin taane, ibiddi akka hin kaane gochuu fi adeemsa nagaa deggaruuf carraaqqii isaanii dachaan dabaluu qabu,” jechuun dhaamaniiru.
Turk furmaata waraanaa kuffisuun, qaamoleen hundi adeemsa Luwaandaa fi Naayiroobii jalatti marii dippilomaasii akka jalqaban gaafataniiru. Dhiittaa mirga namoomaa irratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafachuun, Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa rakkoo kana ilaalchisee yaada dhiyeessuuf iyyannoo dhiheesse simataniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

