• Mon. Mar 16th, 2026

IMF Siiriyaa fi Libaanos waliin hojjechuuf qophii ta’uu dubbi himtuun dhaabbatichaa dubbatan

Feb 9, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 7, 2025 

Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa mootummaa Libaanos dhiheenya kana ijaarame waliin hojjechuuf hawwii guddaan eeggachaa akka jiru dubbi himtuun fandichaa Kamisa kaleessa ibsiteetti.

Fandichi hawaasni addunyaa Siiriyaa deebisanii ijaaruuf gargaaruuf tattaaffii taasisaa jirus deeggaruuf qophii ta’uu dubbi himtuun fandichaa Juulii Koozaak ibsa gaazexeessitootaaf beellamamee kenniteen himtetti.

Libaanos waraana bara darbe Israa’elii fi Hizbullaa gidduutti gaggeeffame irraa kaffaltii deebisanii ijaaruu kaffaluuf maallaqa biyya alaa kan barbaaddu yoo ta’u, waraana waggoota 13 booda deebisanii ijaaruu Siiriyaanis doolaara biliyoonaan lakkaa’amu ni barbaachisa jedhamee eegama jechuun Rooyitars gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading