• Thu. Nov 26th, 2026

Ministeerri Fayyaa Impaayeerattii kaffaltiin hojjattoota Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaa (USAID)’n qacaraman akka addaan kutamu biiroolee sadarkaa naannoo jiraniif ajaja dabarsuun dhaga’ame

Feb 9, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 7, 2025 

Murni Bilxiginnaa Impaayera Itiyoophiyaa bu’uura isheerra fedhii sabaf-sablammoota  impaayerattii malee humnaan afaan qawween fedhii Habaashootaa qofaan gargaarsa warra Dhiyaan hundoofte.

Hanga guyyaa har’aattis gargaarsa isaaniin jiraachaa kan jirtu yoo taatu, murni bulchiinsa Abiy Ahimediin hoogganamu kan soba adiin beekamu akka waan gargaarsa malee of-danda’ee jiruutti irra deddeebiin dubbachaa turuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanan yeroo dhiyoo asitti Murtee pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhaabbilee gargaarsa namoomaa kan akka USAID  irratti dabarsan rakkoo gurguddoo biyyoota gargaarsaan jiraatan irratti fideera. 

Keessattuu Impaayera Itiyoophiyaa rakkoo siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi Dipiloomaasii ulfaataa keessa galtee jirtuuf daran yaaddeessaa ta’ee jira.

Maallaqa gargaarsa biyya alaa guyyoota 90’f addaan akka citu Pireezidaantii Tiraamp Amajjii 20, 2025 ajajuu hordofee Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa hojjattoonni hojii akka dhaabanii fi “gargaarsaa fi waliigalteewwan turaniif, baasiin gargaarsa biyya alaa haaraa hatattamaan akka dhaabbatu” dhorkeera.

Murteen kun hojjattoonni dhaabbilee gargaarsa Ameerikaatiin qacaraman 5,000 ta’an hojii malee akka hafan akka taasisee fi hojjattoonni odeeffannoo galmeessan 10,000 ta’an hojii dhaabuun haalicha hammeessuu  bira darbee qaali’insa jireenyaa hamma Impaayerattii keessatti mudatee jiru daran kan hammeessu ta’uun isaa  yaaddoo guddaa uumee jira.

Dabalataanis ajaja hojii dhaabuu darbe jennaan sirni fayyaa Itiyoophiyaa keessatti keessumaa qabiyyee odeeffannoo fayyadamtootaa fi tattaaffii Itiyoophiyaan sirna fayyaa guddisuuf taasiftu akkasumas leenjii fi gargaaraa ogeeyyii fayyaatiif laatamu daran ni huba jechuun keessa beektoonni ONM’tti dubbatan.

Leave a Reply