• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’ootti ergamtoonni Bilxiginnaa “doqdoqqee bitanna” jechuun maallaqa saamaa jiraachuun eerame

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025 

Sababa tokko malee duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa kan jiru waraanni Bilxiginnaa dinagdee Oromoo quucarsuufis sababoota garaa garaa itti tarreessuun qabeenya uummataa saamaa fi barbadeessaa jira.

Aanaa Malkaa Balloo ganda Tokkummaa Jaalalaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo dhiyoo as caasaa gandaa ijaaruuf gandoota baadiyyaatti bobbaafaman miillaan deemanii hojjechuu diduun “doqdoqqee ittiin deddeebinee hojjennu nuuf bitaa” jechuun qarshii 900 tokko tokkoon uummataa kaffalchiisaa jiraachuu   maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen eeranitti, ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu saamaa kan turan yoo ta’u, ammallee ittuma fufuun namoota daagaa ykn sulula qotuu didan qarshii gurguddaa gaafachaa jiraachuu ibsu.

Leave a Reply