• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee magaalaa Beddellee irraa lafti giddu galli Aadaa Buunnoo Beddellee irratti ijaaramuuf ture abbaa qabeenyaa Amaaraa tokkoof kenname

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa magaalaa fi baadiyyaa osoo hin jenne beenyaa tokko malee qonnaan bultoota Oromoo lafa isaanii irraa ari’uun gatii guddaan abbootii qabeenyaaf dabarsanii kennaa jiru. 

Magaalaa Beddellee irraa waggoota muraasa dura giddu galli aadaa Buunnoo Beddellee ni ijaarama jedhamee dhagaan bu’uuraa kaa’amee kan turee fi wixineen lafichaa qarshii 50,000’n kan kaafame abbaa qabeenyaa dhalootaan Amaara ta’ee fi jiraataa magaalaa Jimmaa kan ta’eef waggaa tokkoof dabarfamee kennamuu isaa Abbaan Gadaa Maccaa duraanii ibsan.

Akka Abbaan Gadaa kun jedhanitti, yeroo afaaniin holola sobaan nadhii coccobsaa turan ergamtoonni badhaadhinaa “Giddu Gala aadaa Buunnoo Beddellee ijaarra” jechuun hawaasa miiressuuu qofaaf dhagaa bu’uuraa kaa’uu himuun, ofii isaaniin wixinee lafichaa qarshii 50,000’n kaasuu dubbatu.

Dhagaan bu’uuraa kaa’amuun yerooma sanatti hawaasa ittiin gowwomsuuf qofa ture, lafti kun dabarfamee abbaa qabeenyaa hiddaan Amaaraa ta’ee fi magaalaa Jimmaa keessaa Hoteela Doloolloo jedhamu kan qabu, ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa hordofee hoteelli isaa Dargaggoota Oromoon kan barbadeeffame yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa immoo, gubachuu hoteela sanaaf qarshii guddaa gatii hoteela sana caalu kaffaluun ni himama, dabalataan ammoo magaalaa Beddellee keessaa lafa Giddu Gala Aadaa Buunnoo Beddellee kennuufiin ibsameera.

Leave a Reply