• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu keessatti ergamtoonni Abiy Ahimed jiraattota saamichaan dararuu cimsanii itti fufan

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Akkuma beekamu yeroo addaa addaatti goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ergamtoonni dinagdee murna Bilxiginnaa suphuuf halkaniif guyyyaa ifaajan loltootni Bilxiginnaa, maqaa kaffaltii gosa garaa garaan haadha hiyyeessaa sabbata hiiksisanii saamuun imimmaan lakkuu boochisaa jiru.

Aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii keessatti hawaasni qaala’iinsa jireenyaan waxalamee ofiifuu birmannaa dhabee rakkoo hamtuu keessa jiru kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen dararamaa kan jiru yoo ta’u, isaan keessaa muraasni:

  1. Inshuraansii fayyaa qarshii 1,270,
  2. Fannoo Diimaa fi Ispoortii qarshii 1,500 fi
  3. Ijaarsa waajjira gandaa qarshii 3,000 afaan qawween saamamaa kan jiran ta’uu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Ergamtoonni garaa isaanii guuttachuuf jiraatan kunneen magaalaa Mandii keessatti saamicha isaanii kana daran hammeessuun, namoota manneen nyaataa qaban illee sangaa tokko bakka qalmaa geessanii qalchisiisuuf qarshii 8,000 irraa fudhachaa jiraachuun eeramee jira.

Leave a Reply