• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaalee hunda keessatti Waraanni faashistii PP dirqamaan uummata uukkaamsuun dirree waraanaatti ergaa jiraachuun beekame

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025 

Murni Bilxiginnaa akkuma abbootii isaa kaleessaa dhumaatii waraanaa isa mudateef jecha ilmaan Oromoo humnaa fi meeshaa qabutti dhimma bahuun gara dirree lolaatti ergaa jiraachuun ifatti mul’achaa jira.

Godina Lixa Wallaggaa aanaalee hunda keessatti waraanni faashistii PP kan koloneel Abiy Ahimediin barcuma aangoo irratti tiksuuf qofa bobbaafaman ilmaan Oromoo afaan qawween dirqisiisuun bakka hojii isaaniitii qabanii gara dirree waraanaatti erguun jabaachuun aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Tasfaa Lamuu,
  2. Taammanee Abdiisaa,
  3. Malkaamuu Shortoo fi
  4. Raggaasaa Baacaa 

kanneen jedhaman gabaa Keessa bakka isaan loon gurgurachaa jiraanii ukkaamsuun hidhanii jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading